Waancaa Addunyaan morkiin har’a Poorchugaal DR Koongoo waliin taasiftu ni eegama
Finfinnee,Waxabajjii 10, 2018 (FMC) – Waancaa Addunyaa 23ffaan morkiin har’a Poorchugaal, DR Koongoo, Ingilaandii ammoo Kirooshiyaa waliin taasisan ni eegamu.
Galgala sa’aatii 2:00 eegalee morkiin Poorchugaalii fi Rippaablika Diimookiraatawaa Koongoo gidduutti taasifamu ni eegama.
Biyyoonni lamaan waltajjii Waancaa Addunyaarratti yeroo jalqabaaf walitti dhufu.
Halkan sa’aatii 5:00 jalqabee Morkiin Ingilaandii fi Kirooshiyaa gidduutti godhamu xiyyeeffannoo argateera.
Biyyoonni laman kana dura tapha idil addunyaa 11 waliin taphatan keessaa Ingilaandi si’a 6 yoo injifattu, Kirooshiyaan yeroo 3 injifachuun tapha lama ammoo qabxii qoodataniiru.
Halkan sa’aatii 8:00 eegalee Gaanaan Paanaamaa waliin yoo morkattu, barii sa’aatii 11:00 jalqabee Uzbeekistaan Kolombiyaa waliin taphatti.
Tapha ganama kana sa’aatii 1:00 irra eegalee taphatameen Awustiriyaan galchii 3 fi 1’n Joordaan injifatteetti.
#Oromia #Ethiopia