Fana: At a Speed of Life!

Waggoota darbanitti hojiiwwan bu’uurarraa dinagdee biyyattii cimsan hedduun hojjetamaniiru – Dooktar Iyyoob Takkaalinyi

Finfinnee, Adooleessa 21, 2018 (FMC) – Waggoota darban keessa hojiiwwan bu’uura irraa dinagdee biyyattii cimsan hedduun hojjetamuu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Dooktar Iyyoob Takkaalinyi ibsan.

Baankiin Abiisiiniyaa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa keessatti galmaa’uu isaa ifatti beeksisuuf sagantaa addaa gaggeesseera.

Dooktar Iyyoob Takkaalinyi saganticha irratti akka jedhanitti, gabaa kaappitaalaa hundeessuu fi sirnaan qindeessuun hojiiwwan qabatamoo hedduun hojjetamuu danda’aniiru.

Akka biyyaatti gabaan kaappitaalaa dhabamuun hanqina guddaa uumaa turuu yaadachiisanii, hanqina kana furuuf hojiiwwan gabaa kaappitaalaa hundeessuu irratti jalqabaman ciminaan itti fufu jedhan.

Baankiin Abiisiiniyaa gabaa kaappitaalaa waliin hojjechuuf murannoon agarsiise jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Kunis guddina gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa waan ta’eef,bu’uura dhaabbatummaa gabaa caalmaatti akka cimsu dubbataniiru.

Dhaabbileen damee dhuunfaa gabaa sanadoota invastimantii keessatti hirmaachuunis dabalaa dhufuu kaasaniiru.

Gabaa kana keessa seenuun abbootii aksiyoonaa qofaaf osoo hin taane, dinagdee biyyattii waliigalaafis gumaacha guddaa akka qabu hubachiisaniiru..

Gabaan kaappitaalaa guddina dinagdee saffisiisuu, invastimantii babal’isuu fi kaappitaala yeroo dheeraa walitti qabuuf deeggarsa ta’uun gumaacha olaanaa akka qabu ibsameera.

Heenook Lammeetu gabaasee

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.