Fana: At a Speed of Life!

Warshaa Xaa’oo ce’umsa qonnaaf…

Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) –Afrikaatti qonni lafee dugdaa dinagdee fi bu’uura jireenyaa uummata bal’aa ta’us, oomishtummaan damee kanaa waggoota dheeraaf galteewwan qonnaa biyya alaa irraa galan irratti hirkataa ture.

Keessumaa xaa’oo, gabbina biyyee fi oomishtummaa qonnaa keessatti gahee murteessaa qabu, biyya alaa irraa galchuun Itiyoophiyaa baasii sharafa alaa dabalatee rakkoolee biroof saaxilaa ture.

Mootummaan Ida’amuu damee qonnaa biyyattii jijjiiruuf warshaa xaa’oo qonnaa guddaa ijaaruu eegaleera.

Hirkattummaa waggoota dheeraa itti fufiinsaan cabsuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kan karoorfame, naannoo Somaalee, magaalaa Godee keessatti warshaan xaa’oo guddaan ijaaramaa jiru kun, seenaa qonnaa Itiyoophiyaa fi gahee isheen naannawaa irratti qabdu gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu taateewwan seena qabeessa ta’an keessaa isa tokko dha.

Warshaan Xaa’oo Naannoo Somaalee Naannawaa Godeetti ijaaramaa jiru kun hordoffii fi to’annoo olaanaa raawwatamaa jiraachuu ibsan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Yaa’ii Idilee 4ffaa Bara Hojii 1ffaa waggaa 7ffaa Mana Maree Bakba Bu’ootaarratti argamuun gaaffiilee fi yaadota Miseensoota mana marichaarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniin.

Yeroo ammaa hojiin iddoo qopheessuu xumuramaa jiraachuu kaasan.

Bakka washaan kun ijaaramutti manneen jireenyaa hojjettootaa kumni 18 magaalaan haaraan ijaaramaa jiraachuu dubbatan.

Warshaan xaa’oo kun dhaabbilee oomisha amooniyaa Yuuriyaa fi giraanuleeshinii kan of keessatti hammatu ta’uu eeran.

Akkasuma warshaan Korojoo saamsuus jiraachuu eeran.

Bakka Gaaziin bahee eegalee hanga Godeetti hojiin Ujummoo diriirsuu jiraachuu kaasuun, Konkolaattoonni Xaa’oo Naannootti raabsan 500 qaama ijaarsichaa ta’uu dubbatan.

Waliigalaan warshichi baasii Doolaara biiliyoona 3 oliin kan ijaaramu ta’uu ibsan.

Mootummaan Itiyoophiyaa, karaa Itiyoophiyaa Invastment Hooldiingis, biiliyeenara Afrikaa Alikoo Daangotee waliin ta’uun warshaa kana ijaaraa jiru.

Warshaan kun kuufama gaasii uumamaa Kaalb fi Hilalaa keessatti argamu, sarara ujummoo dheerina kiiloo meetira 110 qabuun wal qunnamsiisuudhaan anniisaa fi meeshaa dheedhiif itti fayyadama.

Warshaan kun guutummaatti wayita xumuramu waggaatti xaa’oo Yuuriyaa meetirik toonii miiliyoona 3 fi xaa’oo naayitiroojiinii, foosfarasii fi pootaasiyeemii meetirik toonii miliyoona 2 oomishuuf dandeettii qabaata.

Warshaan kun, gaaffii qonnaan bultoota Itiyoophiyaa waggoota dheeraaf deebii kan kennudha.

Oomishni xaa’oo biyya keessatti argamuun dhiyeessii isaa amansiisaa taasisuu qofa osoo hin taane, uummanni nyaataan of danda’uu bira darbee, biyyi tokko carraa egeree ishee ofiin murteeffachuu akka dandeessu kan taasisu meeshaa ijoo birmadummaa nyaataati.

Pirojektichi Baha Afrikaatti Itiyoophiyaa giddugala qonnaa fi daldala xaa’oo ishee taasisa jedhameetu amanama.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.