Weestihaam Yunaayitid vs Arsenaal
Finfinnee, Caamsaa 2, 2018 (FMC)- Sagantaa taphaa piriimer Liigii Ingilaandi torbee 36ffaan dursaan liigichaa Arsenaal dirree isaan alatti taphni galgala sa’aatii 12:30 irratti Weestihaam Yunaayitid waliin taphatu baay’ee eegamaa jira.
Arsenaal qabxii 76’n liigicha dursaa kan jiru yoo ta’u, Weestihaam Yunaayitid ammoo qabxii 36’n sadarkaa 18ffaa irra taa’eera.
Arsenaal garaagarummaa qabxii Maanchister Siitii waliin qabu gara 5tti guddisuuf dirree seena.
Gabatee liigichaa xumura irratti kan argamu Weestihaam Yuunaayitid ammoo liigicha keesa turuuf taphni har’a taphatu murteessaa dha.
Tapha kana dursee sa’aatii walfakkaataa 10 irratti Barnileey Astoonviilaa waliin, Nootingaam Foorasti Niwuukaasil Yuunaayitid waliin, akkasumas Kiriistaal Paalaas Evertan waliin ni morkatu.
#Oromia #Ethiopia