Fana: At a Speed of Life!

Wixinee baajataa Birrii tiriiliyoona 2.33 jechuun…

Finfinnee, Caamsaa 3, 2018(FMC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 56ffaa geggeesseen wixinee baajataa bara 2019 Birrii tiriiliyoona 2 fi biiliyoona 300 fi biiliyoona 39 fi miiliyoona 200 fi miiliyoona 68 fi kuma 100 fi kuma 26 fi 738 ta’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamu murteesseera.

Yaadota wixinee baajataa bara 2019 Manni Maree Ministirootaa bal’inaan erga irratti mari’ateen booda Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesse tokko tokkoon yoo ilaalamu:-

👉 Wixinee baajatichaa kan bara darbeen yoo walbira qabamu…
Wixineen baajataa bara 2019 Birrii tiriiliyoona 2 fi biiliyoona 300 fi biiliyoona 39 fi miiliyoona 200 fi miiliyoona 68 fi kuma 100 fi kuma 26 fi 738 ta’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamu kan murtaa’e yoo ta’u, kunis kan bara darbee naannoo Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 10 caalmaa qaba.

👉 Baajatichi maalirra oola?

Baajatichi baasiiwwan idileef, baasiiwwan kaappitaalaaf, deeggarsa mootummoota naannoleef, fi deeggarsa raawwii galmoota misooma waaraaf oola.

Baasiin kaappitaalaa dhaabbilee keessatti kenniinsa tajaajila mootummaa kennuufi fooyyessuuf kaayyeffate, baasii hojiilee misoomaa dameewwan fayyaa, barnootaa, daandiifi kanneen biroo uwwisuuf oola.

👉 Wixineen baajatichaa haalota akkamii ilaalcha keessa galche?

Wixineen baajatichaa kan dhiyaate qaama karoora misooma waggaa 10 jechuunis bara (2019-2021) karoora misoomaa fi invastimantii kan taa’e galmoota diinagdee gooroo fi hammattoo fiiskaalaa bara giddugaleessaa bu’uura godhachuuni.

Akkasumas sagantaa raawwii baajata bara 2018 ka’umsa godhachuun fuulduratti jiraachuu kan malan kallattii ce’umsa hawaasummaa fi diinagdee akkasumas galmoota mootummaan kaa’aman milkeessuuf dandeettii faayinaansii mootummaa fi ergamaa fi dirqama manneen hojii raawwachiiftootaa bu’uraa godhachuun baasii barbaachiisu gamaaggamuun qophaa’ee dhiyaateera.

👉 Wixineen baajatichaa akkamiin raggaasifama?

Wixineen baajataa kun karaa seera qabeessaafi iftoomina qabuun Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti mari’achuun raggaasifama.

👉 Erga Ragga’een booda…

Baajatni olaanaan kun akkaataa karoorfameen fayyadamummaa uummataa akka mirkaneessuuf hojiirra oolmaafi hordoffii isaarratti xiyyeeffannoo olaanaa gochuu barbaachisa.

Dhaabbileen mootummaa baajata eeyyamameef fudhatanii sagantaalee hojii qopheessuun hojiirra oolchu.

Yeroo kana to’annoofi hordoffiin baajataa hojii olaanaa yoo ta’u, dhaabbilee uummataa hunda keessatti mallattooleefi gabaasonni faayinaansii ni qoratamu.

Kunis karaa ittiin maallaqichi sirnaan faayidaa uummataaf ooluu isaa itti mirkanaa’udha.

Wixineen baajatichaa pirojektoota gurguddoo Itiyoophiyaan eegalte xumuruuf akkasumas galmoota misoomaa waaraa milkeessuuf qooda olaanaa qaba.

Guddina diinagdee gama maraa Itiyoophiyaa itti fufsiisuufi bu’uura cimaa irratti ijaaruuf shoora olaanaa qabaachuus eerameera.

Birhaanuu Abarraan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.