Wixineen Baajeta bara 2019 Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Birrii Biliyoona 500 ol ta’ee dhiyaate
Finfinnee, Waxabajjii 12, 2018 (FMC) – Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee har’a geggeesseen waxinee baajeta bara 2019 dabalatee ajandaawwan adda addaa irratti mari’atee murtoo dabarseera.
Kaabineen bulchiinsa magaalattii walga’ii idilee 12ffaa bara hojii 5ffaa har’a geggeesse kanaan murtoowwan kanatti aanan dabarseera.
1ffaa – Humna galii maddisiisuu magaalattii qaama walaba ta’een qoratmee dhiyaate irratti mari’achuun qorannichiqaamolee qoodafudhattoota hundaan irratti mari’atamee gabbatee akka dhiyaatu kallaattii kaa’eera.
2ffaa – Wixineen baajeta bulchiinsa magaalattii bara 2019 Birrii biliyoona 500 biliyoona 2.27 ta’ee gara Mana Maree magaalattiitti akka qajeelfamu kallattii kaa’eera.
Ramaddiin qabeenyaa kun irra jireessaan ulaagaawwan kanatti aananii dhiyaatan irratti kan bu’uureffamee dha.
* Tarsiimoowwan misoomaa fi kallattii xiyyeeffannoo Bulchiinsa Magaalattii
* Hiyyummaa hir’isuu, galmoota misooma waaraa mirkaneessuu, fedhii misoomaa jiraattota magaalattii fi dhiyeessii tajaajilaa fooyyessuuf keessumaa pirojeektota misoomaa carraa hojii uumuuf gargaaran kanneen akka daandii, bishaan, manneen jireenyaa, qulqullina, geejjibaa, ittisa balaa tasaa fi ibiddaa fa’a, akkasumas
* Dameewwan tajaajilawwan hawaasummaa fooyyessuuf ga’ee guddaa qaban kanneen akka barnootaa, fayyaa, deggersa jiraattota galii gadi aanaa qabaniif kennamu fa’a.
Haaluma kanaan bulchiinsi magaalattii dhaabbilee seektera giddugalaa fi kutaalee magaalaa, raawwii pirojeektota idilee fi kaappitaalaa baasii waliigalaa ramadame keessaa qooda guddaa kan qabate %71 hiyyummaa hir’isuu fi galmoota misooma waaraa raawwachiisuuf kan ramadame yoo ta’u, %29 hafu ammoo baasiiwwan bulchiinsaaf ramadameera.
3ffaa Biiroo Haqaan qophaa’ee kan dhiyaate gurmii fi hojimaata leenjii dhaabata madaallii fi mirkaneessa ga’umsa hojjettoota mootummaa murteessuuf wixinee danbii dhiyaate irratti mari’atee murtoo dabarseera.
4ffaa Wixinee danbii kaffaltii tajaajilaa qabiyyee mana qopheessaa irratti mari’achuun murtoo dabarseera.
5ffaa Ramddii Lafaa Pirojeektota faayidaa biyyaalessaa qabaniif Biiroo Bulchiinsa Misooma Lafaan dhiyaate irrattis mari’atee murtoo dabarseera.