Fana: At a Speed of Life!

Yaadamoota qabeenya kuufamaa Itiyoophiyaa mul’isaan…

Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Kaka’umsa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin kan eegalaman Piroojektoonni Maaddiin Shaggariif, Maaddiin Biyyaa fi Maaddiin dhalootaaf bifa Itiyoophiyaa mul’isuun haala Tuurizimii bu’uuraan jijjiiraa jiru.

Itiyoophiyaan Piroojektoota jajjaboo kanneen seenaa dinqisiisaa, haala teessuma lafaa ilaalamanii hin quufamnee fi aadaa ishee addunyaaf mul’isaa kan jirtu yoo ta’u, bakka ga’umsaa ta’uun caalmaatti akka fayyadamtuuf misooma Tuurizimiin ijaaramaa jirti.

Piroojektoonni kunneen qabeenyaalee Tuurizimiirratti kennaa dabalataa biyyattii ta’aniiru.

Itiyoophiyaan hambaalee Kiliyaa fi qabatamaa 19 Mootummoota Gamtoomaaniitti Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaatti galmeessuun Afrikaarraa adda dureedha.

Kuufamoonni kunneen dameen Tuurizimii Itiyoophiyaa fayyadamoo akka ta’u taasisuun galii sharafa alaa guddisuu fi qabeenya biyya keessaa sochoosuun carraa hojii hedduu uumaa jiru.

Hojiin Magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu fi hawwattuu taasisuuf hojjetames jiraattootaafis ta’ee daawwattootaaf mijattuu akka taatuuf Piroojektoonni hedduun hojjetamaniiru.

Fooyyessi diinagdee Mandhalee mootummaan hojiitti hiikees Tuurizimiif utubaa tokko ta’uu mirkaneessera.

Kaka’umsaa fi yaada Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin kan eegalaman Piroojektoonni Maaddiin Shaggariif, Maaddiin Biyyaa fi Maaddiin dhalootaaf bifa Itiyoophiyaa mul’isuun haala Tuurizimii bu’uuraan jijjiiraa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.