Yaadotni gareewwan xixiqqaa 10 irraa maddan cimanii miseensota garee 50f dhiyaachaa jiru – Pirofeesar Masfin Ar’aayaa
Finfinnee, Adooleessa 18, 2018 (FMC) – Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Pirofeesar Masfin Ar’aayaa, yaadotni gareewwan xixiqqaa 10 irraa maddan erga qindaa’anii fi cimanii booda, karaa walitti qabdootaa fi barreessitoota isaanii miseensota gareewwan 50f dhiyaachuu jalqabuu ibsan.
Pirofeesar Masfin adeemsa marichaa ilaalchisee ibsa kennaniin, Gumii Marii Biyyaalessaa keessatti mariin sirna qabeessa ta’ee akka gaggeeffamuuf, gareen miseensota 50 of keessaa qabu gareewwan xixiqqaa miseensa 10 qabuun qoodamee marii isaa haala gaariin gaggeessaa turuu ibsaniiru.
Akka caasaa kanaatti, gareewwan xixiqqaan tokkoon tokkoon isaanii miseensota 10 qaban, yaadota, ilaalchotaa fi hubannoowwan yeroo dheeraaf irratti mari’achaa turan walitti qindeessuun fi cimsuun sadarkaa itti aanutti ce’uu isaanii himaniiru.
Bu’aan marii kunis sirnaan qindaa’ee fi cimee, karaa walitti qabootaa fi barreessitoota gareewwan xixiqqaan gareewwan miseensota 50 of keessaa qabanitti dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Aadeemsi kun yaadota, yaaddoowwanii fi abdiiwwan gareewwan xixiqqaa 10 keessatti ka’an osoo hin hir’atin yookaan hin bittinneeffamin, marii bal’aa gareewwan 50 keessatti gaggeeffamuuf bu’uura cimaa fi walitti hidhamiinsa qabu akka ta’an gumaacha guddaa taasisaa jira.
Soosinnaa Alamaayyoon
#Oromia #Ethiopia