Yaa’iin kun kallattii imala siyaasaa fi hawaasummaa Itiyoophiyaa sirreessa- Piroofeesar Masfin Ar’aayaa
Finfinnee, Adoolessa 8, 2018(FMC)- Yaa’iin Marii Biyyaalessaa kallattii imala siyaasaa fi hawaasummaa Itiyoophiyaa sirreessa jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimadiifi hoggantoonni olaanoon Mootummaa biroon argamanitti guyyaa har’aa Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamuu eegaleera.
Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana Yaa’ichi kallattii imala siyaasaa fi hawaasummaa Itiyoophiyaa kan sirreessu, dhaloota egereef biyya cimtuufi amansiisaa ijaaruuf kan dandeessisuu fi boqonnaa seenaa haaraa kan banu ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan biyya seenaa waggoota dheeraa, aadaalee nama boonsan, miidhagina heddumminaa qabdu taatus guddummaa ishee kana itti fufsiisuuf garaagartummaa yaadaa fi gufuuwwan hedduu keessa darbuu yaadachiisaniiru.
Gaaffileen siyaasaafi sirnaa waggoottaniif kuufaman, waldhabdeewwaniifi mufannaawwan gidduu keenyatti mul’atan har’as nageenya lammiileefi tokkummaa biyyaalessaatti qormaata ta’aniiru jedhan.
Garaagarummaan yaadaa rakkoo akka hin taane kaasanii, qaama eenyummaafi diimokiraasii keenyaati jechuun, rakkoo kan ta’u garaagarummaa kanneen mariirra walitti bu’iinsaafi mufannaan yookaan ammoo humnaan hiikuuf wayita yaalamu akka ta’e ibsaniiru.
Rakkoolee hundee gadi fageeffatan kanneen humnaan yookaan ammoo furmaata yeroon hiikuun akka hin danda’amne hubachiisuun, furmaanni marii biyyaalessaa amanamaa, hammataa, ifaafi saayinsawaa gaggeessuudha jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia