Yaa’iin marii biyyyaalesaa dhimma Itiyoophiyaanota hundaati- Piroofeesar Masfin Ar’aayaa
Finfinnee, Adooleessa 16, 2018 (FMC) – Yaa’iin marii biyyyaalesaa dhimma Itiyoophiyaanota hundaa waan ta’eef hunda bira akka gahuuf miidiyaaleen gahee isaanii bahachuu qabu jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.
Piroofeesar Masfin Ar’aayaan adeemsa yaa’ii marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniin, odeeffannoowwan sirrii maricha ilaalchisuun komishinicharraa kennaman uummata biraan gahuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru.
Keessumaa odeeffannoowwan miidiyaa hawaasaan darban irratti ofeeggannoo gochuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Mari’attoonni guyyaa yaa’ichi eegalerraa kaasee gareen qoqqoodamuun hojii yaada maddisiisuufi gabbisuu hojjechaa turuus eeraniiru.
Ajandaa kennameef irratti haalaan mari’achaa jiraachuu kaasuun, bu’aan hanga ammaatti jiru gaarii ta’uu dubbataniiru.
Guyyaa har’aa ogeeyyiin dameewwan garaagaraan beekumsaafi muuxannoo qaban odeeffannoowwan galtee ta’an mari’attootaaf dhiyeessuu ibsaniiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.
#Oromia #Ethiopia