Fana: At a Speed of Life!

Yaaliin Sudaanii fi Itiyoophiyaa walitti buusuu, fedhii humnoota alaati – Gaazexeessituu Sudaan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Yaaliin Sudaanii fi Itiyoophiyaa walitti buusuu tibbana mul’atu, fedhii lammiilee Sudaan osoo hin taane fedhii humnoota alaati jette Gaazexeessituun Sudaan Raashaa Awaad.

Gaazexeessituu Raashaa Awaad turtii Faanaa Poodkaastii Afaan Arabaan taasifteen hariiroon Sudaanii fi Itiyoophiyaa misoomaa fi fayyadamummaa waloorratti kan hundaa’e ta’uu ibsite.

Himannaan humnoonni waraanaa Sudaan, Itiyoophiyaan haleellaa sudaanirratti raawwatte jechuun dhiyeessan bu’uura kan hin qabne ta’uu eeruun, ajandaa faayidaa biyyaalessaa Sudaan bakka hin buune ta’uu himte.

Keessattuu Ijipti sababa Hidha Guddicha Haaroomsaan, Itiyoophiyaa fi Sudaan walitti buusuuf yaalii olaanaa taasisaa jiraachuu ibsite.

Waraana Sudaan gaagama’ama naannawaatti ce’aa jiru dhaabsisuuf furmaanni keessaa eegaluu akka qabu hubachiifte.

Sudaan gidduseentummaa Ijiptirraa fagaachuu akka qabdus dubbatteetti.

Imaammata alaa faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisu ijaaruu qabdi jechuun ibsite.

Hoggantoonni waraanaa Sudaan tokko tokko itti gaafatamummaa jalaa ooluuf gaaga’ama biyyattii gara alaatti dhiibuuf yaalaa jiraachuu kan ibsite Raashaa Awaad, yaalii humnaarra marii fi dippiloomaasii filachuu akka qaban gaaffatte.

Ahimad Abduulbaariin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.