Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan biyya guddoo akkuma Hidha Haaromsaa, milkeessuu dandeessuu dha – Ustaaz Jamaal Bashir

Finfinnee; Hagayya 22, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan akkuma Hidha Guddicha Haaromsaa, gaaffii buufata galaanaa ishees karaa bu’a qabeessa ta’een milkeessuu kan dandeessu biyya guddoo ta’uu ishee Abbaan Qabeenyaa Miidiyaa Mootota Abbayyaa, Ustaaz Jamaal Bashir, ibsan.

Hidhaan Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa boqonnaa guddaa qabeenya bishaanii ishee humna isheetiin misoomsitee itti fayyadamuu dandeessu ta’uu ifatti kan agarsiise dha jedhan.

Ustaaz Jamaal akka jedhanitti, Hidhaan Guddichi Haaromsaa naannichaa humna elektirikii waliin walitti hidhuun, karaawwan tumsaa cimsuuf gahee olaanaa taphachaa jira.

Itiyoophiyaan biyyoota yaa’a Abbayyaa waliin tumsi ishee yeroo hunda faayidaa waloo fi misooma nagaa irratti kan hundaa’e ta’uu Hidhaan Guddichi Haaromsaa qabatamaan agarsiisuu eeraniiru.

Biyyi kun qabeenya bishaanii ishee akka hin fayyadamne kan dhorku qaamni kamiyyuu akka hin jirre kan ibsan Ustaaz Jamaal, mirgi Itiyoophiyaa seerota fi qajeelfamoota misoomaa idil-addunyaa guutummaatti kabaju irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.

Hojiiwwan misoomaa itti aansuun karoorfaman Itiyoophiyaa gara sadarkaa dinagdee fooyya’aa ta’etti kan ceesisan ta’uu kaasanii, pirojektoonni hidhawwan jallisii xumuramaa jiranii, Pirojektiin Maddaa Humna Elektirikii Koyishaa, kan hojiin isaa irra caalaan xumurame, akkasumas hojiiwwan biroo karoora misoomaa Itoophiyaa dhugoomsaa akka jiran dubbataniiru.

Gama biraatiin, Itiyoophiyaan dameewwan hunda keessatti galmoota kaa’atte galmaan ga’aa kan jirtu ta’uu kaasanii, misooma magaalaa, tuurizimii, akkasumas diimokraasii marii fi waliigaltee irratti hundaa’e ijaaruu keessatti bu’aawwan jajjabeessaan galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa gaaffiin ulaa galaanaa dhimma dantaa biyyaalessaa ijoo ta’e ifatti kaafamuu yaadachiisuun, gaaffiin kun dhimma jiraachuu fi birmadummaa akkasumas gaaffii haqaan misoomuu ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Gaaffii seena qabeessa kana galmaan ga’uun dhugaa dhaloota kana irraa hin hafne ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan daandii galaanaa argachuun ishee waan hin oolle ta’uu, “diinni illee dhugaa kana ragaa bahaa jira” jechuun ibsaniiru.

Itiyoophiyaan akkuma Hidha Guddicha Haaromsaa fi pirojektoota gurguddoo biroo, gaaffii ulaa galaanaa ishees karaa nagaa fi dippilomaasiin galmaan ga’uu kan dandeessu, biyya hundee cimaa qabdu ta’uu Ustaaz Jamaal Bashir dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.