Fana: At a Speed of Life!

“Rakkoolee Afrikaaf furmaata Afrikaanotaa” jabaatee itti fufe

Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC) — Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoon rakkoolee nageenyaa fi tasgabbii biyyattii keessatti mul’atan furuu irratti xiyyeeffachuun, marii biyyaalessaa ji’oota sadii turu jalqabsiifte.

Itiyoophiyaan garaagarummaa waggoota dheeraaf ture furuufi ijaarsa biyyaarratti waliin dhaabbachuuf Afrikaanota biroof fakkeenya ta’uu kan danda’u Waltajjii Marii Biyyaalessaa milkaa’inaan gaggeessuun ishee ni yaadatama.

Pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa fi Ergamaan Addaa Baha Afrikaa Oluseegun Obasaanjoo, sirna xumura Waltajjii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa iratti haasawa taasisaniin, marii Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuuf gaggeessite dinqisiifataniiru.

Obasaanjoon, “Rakkooleen Afrikaa furmaata Afrikaanotaa argachuu qabu” jedhan, kanneen biroo irraa barbaasuu osoo hin taane, Afrikaanonni rakkoo isaanii ofii isaaniitiin furuuf muuxannoo dheeraa waan qabaniif ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, muuxannoon marii biyyaalessaa Itiyoophiyaan milkaa’inaan gaggeessite biyyoota Afrikaa biroo keessattis cimee akka itti fufu abdii qaban ibsanii turan.

Yeroo ammaa yaadni “rakkooleen Afrikaa furmaata Afrikaanotaa argachuu qabu” jedhu cimee itti fufuun, garaagarummaa mariidhaan hiikuufi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf adeemsa marii gaggeessuuf Rippabiliikni Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) imala eegalteetti.

Rippabiliikni Dimookiraatawaa Koongoo har’a rakkoolee nageenyaa fi tasgabbii biyyattii keessatti uumaman furuuf, marii biyyaalessaa ji’oota sadii turu ifatti labsiti.

Marichi mariiwwan naannolee biyyattii 26 keessatti gaggeeffamaniin kan jalqabu yoo ta’u, ji’oota sadii booda magaalaa guddittii biyyattii, Kinshaasaa, keessatti walgahiin biyyaalessaa akka gaggeeffamu ibsameera.

Maricharratti paartiin biyya bulchu, paartileen morkattootaa, dhaabbileen hawaasa sivilii, dhaabbileen amantii, hoggantoonni aadaa, ogeeyyiin damee diinagdee, hayyoonni, dubartoonni, dargaggoonni, lammiileen biyya alaa jiraatan akkasumas qaamoleen hawaasaa biroo ni hirmaatu jedhameera.

Sagantaa marii jalqabsiisuu irratti, gareen hidhataa M23, kan biyyattii keessatti sochii hidhannoo gaggeessaa jiru, maricharratti akka hirmaatuuf waamichi dhiyaachuu isaa ‘ ‘Sputnik News’ gabaaseera.

Maricharratti rakkooleen nageenyaa biyyattii keessatti mul’atan, walitti bu’iinsi hawaasa keessatti uumamu, dhimmoonni tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf gargaaran akkasumas kanneen biroon akka ajandaatti akka dhiyaatan ibsameera.

Mikiyaas Ayyaalaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.