Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitichatti Piroojektoonni garaagaraa eebbifaman

Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Arsii Piroojektiiwwan garaagaraa eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasise.

Yuunivarsiitichi giddu gala yaala haadholiifi daa’immanii, warshaa nyaata qindaa’aa, oomisha ooksijiinii, riqicha wal-qunnamsiisaa, mana qorichaa modeelaa hawaasaa fi kanneen biroo eebbisiisun tajaajilaaf banaa taasiseera.

Giddu galli yaala haadholiifi daa’immanii ijaarames, rakkoolee kanaan dura tureef furmaata waaraa ta’uun kenna tajaajila saffisaa, si’ataafi itti quufinsa qabu kennuuf kan ijaarame ta’uu Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuun himan.

Giddu galli kunis ulaagaa hunda kan guuttate yoo ta’u, Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 47fi kuma 791 oliin ijaaramuu dubbatan.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa, Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa,Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa, Pireezidaantii Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuu, kantiibaa bulchiinsa magaalaa Asallaa obbo Simee Tsaggaayee dabalatee hoggantoonnii fi keessummoonni garaagaraa sirna eebbichaarratti argamaniiru.

Faxxanaa Zawudeetiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.