Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisaa barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture eebbisiise
Finfinnee,Waxabajjii 27, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisaa Itiyooophiyaa barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture 371 eebbisiiseera.
Eebbifamtoonni kunneen digirii jalqabaa hanga digirii 3ffaatti ogummaa garaagaraan barnoota isaanii hordofaa kan turaniidha.
Yuunivarsiitichi Riifoormii gaggeesseen rakkoolee turan furuu Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Kabbadaa Raggaasaan ibsaniiru.
Yuunivarsiitichi hojii ogummaa raayyichaa cimsuu tumsaa jiraachuu kaasan.
Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Ijinar Ayishaa Mahaammad dabalatee hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisaa sirna eebbichaarratti argamaniiru.
Milkiyaas Addunyaatiin
#Oromia #Ethiopia