Yuunivarsiitiwwan lamaan qonna jijjiirama qilleensaa dandamachiisurratti sagantaa Dooktoreetii waloon eegalchiisan
Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiiwwan Haramayaa fi Samaraa qonna jijjiirama qilleensaa dandamachiisurratti sagantaa Dooktoreetii waloon eegalchiisaniiru.
Tumsi kunis qorannoo fi kalaqa cimsuun misooma qonnaa waareessuurratti guddina olaanaa jedhamee kan fudhatamuudha.
Qulqullina akkaadaamii guddisuu, qorannoo caalmaatti jajjabeessuu fi qonna jijjiirama qilleensaa dandamachiisuuf furmaatawwan dhiyeessuun hirmaannaa hawaasaa kan guddisuudha jedhame.
Dhaabbileen lamaan dandeettii, qabeenyaa fi beekumsa akkaadaamii qindeessuun qonna haala qilleensaa dandamachiisuu fi dameewwan kanaan walqabatan irratti hojii qorannoo irratti hundaa’e, qulqullinaa fi bu’aa qabu hojjechuuf dandeessisa jedhan Pireezidaantoonni Yuunivarstiiwwan lamaanii yaada saganticharratti kennaniin.
#Oromia #Ethiopia