Tarkaanfii haaromsaa fudhatameen dameewwan diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan injifannoon galmaa’eera-Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FMC)-Mootummaan Paartii Badhaadhinaan durfamu tarkaanfiiwwan haaromsaa waggoottan jahan darbanitti fudhateen dameewwan diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan bu’aalee qabatamaa galmeessisuu Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsaniiru.
Obbo Adam Faaraah, Yaa’ii Mootummoota Gamtoomanii Gamtaa Immereetota Arabaa, Magaalaa Dubaayitti guyyaa 3ffaaf taa’amaa jirurratti muuxannoowwan Itiyoophiyaan gama bulchiinsa mootummaatiin qabdu dhiheessaniiru.
Mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin durfamu tarkaanfiiwwan haaromsaa waggoota 6’n darban fudhateen gama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan bu’aalee qabatamaa galmeessisuu danda’eera jedhan.
Keessumaa hiyyummaa hir’isuu, hojiilee ummata giddugaleeffatan, bu’aalee dinagdee haaraa uumuun, nyaataan of danda’uuf carraaqqii taasifame, akkasumas qabeenya biyyaalessaa hinmul’anne adda baasuu fi itti fayyadamuun bu’aaleen argaman abdachiisaa ta’uu ibsaniiru.
Tarsiimoo mo’amuu dhabuu mirkaneessuuf tarkaanfilee teeknooloojii bu’uureffachuun fudhatamaniin kenniinsa tajajjilaa ammayyeessuu, rakkoolee walxaxoof furmaata sasalphaa maddisiisuu danda’uu dubbachuu ragaan Paartii Badhaadhinaa irraa argame ni mul’isa.
Jalqabbiin biyyaalessaa kun akka galma ga’uuf biyyoonni akka Gamtaa Emereetota Arabaa koodaroota Itiyoophiyaanota miliyoona 5 leenjisuun deggeraa waan jiranii, kabajni akka biyyaatti qabnu olaanaadha jedhan.
Imaammata diinagdee tasgabbaa’aa, wabii hawaasummaa fi bulchiinsa mootummaa cimaa ijaaruun tarsiimoo mo’amuu dhabuu irratti hundaa’e mirkaneessuuf gahee olaanaa akka qabu amanuun, yaadama biyyaalessaa ida’amuun hogganamtee, imalli gara badhaadhinaatti eegalte, milkaa’aa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan yeroo ittaanuttis bu’aalee akka biyyaatti galmaa’an itti fufsiisuu fi fayyadamuummaa waloo haqa qabeessa ta’e fiduuf biyyoota adda addaa waliin hojjechuuf yoomuu balballi ishee banaa ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia