Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Raashiyaa kabajaa fi fayyadamummaa waloo bu’uura kan godhate michummaa seenaa qabeessa – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2019 (FMC) – Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Raashiyaa jaarraa tokko kan caale, kabajaa fi fayyadamummaa waloo bu’uura kan godhate michummaa seenaa qabeessa jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii 3ffaa Afrikaa – Raashiyaarratti ergaa dabarsaniiru.
Yaa’ii Afrikaa – Raashiyaa 3ffaa Raashiyaa Mooskootti gaggeeffamaa jirurratti argamuun ergaa dabarsuu kootti gammachuu guddaatu natti dhagahame jedhan.
Waltajjii seenaa qabeessa kanaan murtoowwan dabarsinu jijjiirama qabatamaa akka galmeessan murannoo fi tumsi waloo akkaan murteessaa ta’uu ibsan.
Itiyoophiyaan badhaadhina itti fufiinsa qabuufi guddina biyyaalessaa isheef bu’uura kan ta’an utubaalee ijoo sadii irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jirti jedhan.
Kunneenis wabii midhaan nyaataa fi oomishtummaa mirkaneessuu, dhiyeessi anniisaa amansiisaa gochuu, akkasuma ogummaa fi beekumsa dabarsuurratti xiyyeeffaannoon kan hojjetamu akka ta’e kaasan.
Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Raashiyaa jaarraa tokko kan caale, kabajaa fi fayyadamummaa waloo bu’uura kan godhate michummaa seenaa qabeessa ta’uu ibsan.
Michummaa kana caalmaatti guddisuuf Raashiyaa waliin ta’uun madda Anniisaa Niwukilaarii sadarkaa idil addunyaa eeggate ijaaruuf murannoon hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Tumsi tarsiimawaan kun filannoowwan anniisaa babal’isuu qofa osoo hin taane, adeemsa badhaadhina Itiyoophiyaa akkaan kan saffisiisu, akkasumas hariiroo biyyoota lamaanii yeroo kamiyyuu caalaa kan cimsu ta’uu kaasan.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa