Fana: At a Speed of Life!

Paarkii Bulbulaa misoomsuurratti hawaasni hirmaateera

Finfinnee, Ebla 22, 2017 (FMC)- Hojiin misoomaa Paarkii Bulbulaa wayita hojjetamaa turetti hawaasni dammaqinaan hirmaachuu Bulchiinsi Kutaa Magaalaa Boolee ibse.

Hojii Raawwachiistuun kutaa magaalichaa aadde Alamtsahaay Shifarraawu akka jedhanitti, jijjiiramaan booda akka biyyaatti hojiileen milkaa’ina gurguddoo argamsiisan hojjetamaniiru.

Kutaa Magaalaa Boolee qulqulluufi mijataa taasisuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, iddoo balfi itti gatamaa ture misoomsuun Paarkii Bulbulaa uumuun danda’ameera.

Kutaaleen magaalaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee jala jiran Paarkii Bulbulaa daawwachuun muuxannoo fudhachaa jiru.

Bakki paarkiin kun itti misoome Kanaan dura bakka yakkoonni itti raawwataman yoo ta’u yeroo ammaa naannawichi hawwataa ta’uurra darbee dargaggoota hedduuf carraa hojii uumeera.

Paarkii Bulbulaafi hojiin misooma magariisaa Boolee Kaargoo hanga Riqicha Qaallittii kiiloomeetira 14 dheeratu guyyaa kaleessaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimadiifi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamanitti tajaajilaaf banamuun kan yaadatamudha.

Abeel Niwaayitu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.