Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 35ffaan har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee, Ebla 24, 2017 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 35ffaan tapha har’a Maanchiister Siitiin Woolviis keessummeessuun eegalama.

Maanchiister Siitiin hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa argachuuf falmiin har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Woolviis waliin taasiisu xiyyeeffannoo argateera.

Maanchiister Siitiin taphoota hanga ammaatti taphateen qabxii 61 walitti qabachuun sadarkaa 4ffaarratti argama.

Boru waaree booda sa’aatii 8:30 eegalee Astoon Viilaan Fuulhaam waliin falmata.

Astoon Viilaanis carraa hirmaannaa Liigiiwwan Awurooppaa argachuuf qabu bal’ifachuuf morkiin taasiisu ni eegama.

Astoov Viilaan qabxii 57 walitti qabachuun sadarkaa 7ffaarratti argama.

Boru waree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Eevartan – Ipisiiwich Taawoon, Leester Siitiin – Saawuuz Hampitan waliin taphatu.

Galgala sa’aatii 1:30 eegalee Arseenaal Istaadiyeemii Emireetisitti Boornimaawuuz keessummeessa.

Niwuukaasiil, Maanchiister Siitii, Cheelsii, Nootingahaam Forestii fi Astoon Viilaan hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa argachuuf taphoonni kana booda taphatan ni eegama.

Saawuuz Hampitan, Leester Siitii fi Ipisiiwich Taawoon kilaboota gara Shaampiyoon Shiippitti bu’uu isaanii mirkaneeffataniiru.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.