Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni daldalaa Federeeshinii Dubartoota Daldaaltota COMESA 6ffaan boru eegala

Finfinnee, Ebla 28, 2017 (FMC) – Agarsiisni daldalaa Federeeshinii Dubartoota Daldaaltotaa Gabaa Waloo Bahaafi Kibba Afrikaa (COMESA) 6ffaan boru magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegala.

Agarsiisni daldalaa kun hanga Caamsaa 1, 2017‘tti kan turu yoo ta’u dubartoonni daldaaltonniifi hojii uumtonni 300 ol biyyoota miseensa dhaabbatichaa 21 irraa walitti babba’an ni hirmaatuun eegama.

Fooramiin hubannoo uumuu dhaabbilee COMESA 2ffaan waliin ta’iinsa Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaafi dhaabbatichaan kaleessarraa eegalee gaggeeffamaa jira.

Waltajjichi yaadota biiznasii haaraa jajjabeessuun hariiroo daldalaafi invastimantii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun himameera.

Qaamoleen qooda fudhattootaa biyyoota garaagaraarraa walitti babba’an waltajjicharratti hirmaachaa akka jiranis ibsameera.

Waltajjichi dandeettii dubartoota daldaaltotaa guddisuufi hariiroo isaanii cimsuuf akka gargaaru hirmaattonni dubbataniiru.

Zabiib Taklaayitu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.