Dargaggoonni dinagdeen akka guddataniif hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Caamsaa 4, 2017 (FMC) – Dhaabbilee ciccimoo ijaaruun dargaggoonni dinagdeen akka guddataniif hojjetamaa akka jiru Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa ibseera.
Biirichi dhaabbata ‘Tigros Trading’ Ittigaafatamni isaa Murtaa’e waliin ta’uun dargaggoota magaalaa Jimmaa, godina Jimmaa fi godina Buunoo Bedellee iraa walitti baba’an ogummaa garaagaraan leenjise hojiitti galchuuf hojjetaa akka jirus himameera.
Itti Aanaa Itti Gaafatamaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Kadir Indaalkachawu akka ibsanitti, gurmaa’insa dargaggootaa karaa dhaabbataa ta’een cimsuu fi fayyadamummaa diinagdee keessatti qaban mirkaneessuuf hojjetamaa jira.
Dargaggoota naannichaa kilaastara kilaasteraan leenjisuun hojiitti galchuuf dhaabbilee qooda fudhattoota adda addaa waliin hojjechaa jirras jedhan.
Kantiibaan Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar gama isaaniin, dargaggoonni sochii diinagdee biyyattii keessatti dammaqinaan akka hirmaataniif carraa mootummaan miijessaa jirutti dammaqinaan hirmaachuu akka qaban hubachiisan.
Tasfaahun kabbadaatu gabaase.