Oromiyaatti asiidummaa biyyee wal’aanuun oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 7, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti asiidummaa biyyee nooraan wal’aanuun oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Rakkoolee oomishtummaa hir’isan keessaa asiidummaan biyyee tokko ta’uu biirichatti Daayrektarri Fooyya’iinsa Gabbina Biyyee Isheetuu Laggasaan ibsaniiru.
Naannichatti lafti heektaarri miiliyoonni 2 ol asiidummaan miidhamuu Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Biyyee asiidummaan miidhame wal’aanuufi oomishtummaa dabaluuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Haaluma Kanaan Warshaan Nooraa Gudar nooraa kuntaala kuma 100 fi kuma 93 ol oomishuun qonnaan bultootaaf raabsuu dubbataniiru.
Qonnaan bultoonni nooraa kana haalaan akka fayyadamaniif ogeeyyiin qonnaa godinaaleefi aanaalee hordoffii gochaa jiraachuu kaasaniiru.
Qonnaan bultoonni lafa asiidummaan miidhame irra gosoota midhaanii asiidummaa dandamachuu danda’an akka qotaniif hojiin hubannoo uumuu hojjetamuus ibsaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.