Fana: At a Speed of Life!

Liqii mootummaan bara kana Baankii Biyyaalessaarraa liqeeffatu gara zeerootti gadi bu’e- Baankii Biyyaalesaa

Finfinnee, Caamsaa 7, 2017(FMC) – Liqii mootummaan bara kana Baankii Biyyaalessaarraa liqeeffatu gara zeerootti gadi bu’uu baankichi beeksise.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuun haasawaa Fooramii Faayinaansii Itiyoophiyaa irratti taasisaniin, dameen faayinaansii biyyattii qaala’iinsa jireenyaa, hanqina sharafa alaafi rakkoolee biroon qoramaataaf saaxilamee akka ture yaadachiisaniiru.

Rakkoolee kanneen furuuf Itiyoophiyaan gara fooyya’iinsa diinagdee goorootti seenuu dubbataniiru.

Fooyya’iinsi kunis hammattummaafi dorgomtummaa damee faayinaansii guddisuu, hanqina sharafa alaa furuu, daldala alergiifi invastimantii alaa hawwachuufi qaala’iinsa jireenyaa to’achuurratti kaayyeffachuu eeraniiru.

Tattaaffiiwwan mul’ata fooyya’iinsa diinagdee gooroo dhugoomsuuf taasifamaniin hanqinni sharafa alaa furamuufi dameen faayinaansii hirmaachisaan dhugoomuu ibsaniiru.

Fooyya’iinsi diinagdee gooroo damee faayinaansii biyyattii dorgomaa, gabaa irratti kan xiyyeeffatu, damee dhuunfaa kan giddugaleeffate, diijitaalawaafi nageenyummaan isaa kan eegame taasifamuus eeraniiru.

Qaala’aab Girmaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.