Dooktar Abiy Ahimad Paarisitti Mana Amantaa Kaateedraalii Nootiradaam daawwatan
Finfinnee, Caamsaa 17, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaanii Paarisitti Mana Amantaa Kaateedraalii Nootiradaam daawwataniiru.
Bara Faranjoota 2019 balaa ibiddaa mudateen booda Faransaay hambaale seenaa kunuunsuun dhalootaaf tursiiuuf ejjennoo Faransaay qabdu kan mul’iseedha jedhame.
Daawwannichi Itiyoophiyaaf hiika kan qabuu fi barnoota kan kenne ta’uunis eerameera.
Manneen Amantaa Laalibalaa hanga Faasilades Goondar hanga Jimmaa Abbaa Jifaarii fi bakkeewwan biroo hambaalee qabeenya aadaa fi seenaa kan qabdu Itiyoophiyaan eegumsaa fi kunuunsa hambaaleef dursa kennituuf heddu qabaachuun ibsameera.
Tuurizimii babal’isuun xiyyeeffannoo Dooktar Abiy Ahimad kennaniif yoo ta’u, dameewwan fooyyessii diinagdee shanan keessaa isa tokko ta’uu irratti hojjetamaa jiraachuun eerameera.
Itiyoophiyaan muuxannoo Idil Addunyaa qoodachuun qabeenya hambaalee aadaa eeguu fi misooma tuurizimii itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tattaaffii taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia