Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti daa’imman miiliyoona 7 ol talaallii dhibee gifiraa fudhatan

Finfinnee, Caamsaa 18, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti daa’imman miiliyoonni 7 fi kumni 300 fi kumni 36 ol talaallii dhibee gifiraa fudhachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Caamsaa 6, 2017 irraa eegalee duulli talaallii qindaa’aan dhibee Gifaraa guutuu Oromiyaatti kennamaa turuun kan yaadatamudha.

Duula Kanaan daa’imman umrii waggaa 1-5 miiliyoona 7 fi kuma 300 talaalchisuuf karoorfamee, daa’imman miiliyoonni 7 fi kumni 300 fi kumni 36 fi 131 talaallii fudhachuu Biirichatti Daayrektarri Daayrektoreetii Fayyaa Haadholii, Daa’immaniifi Dargaggootaa obbo Abbabaa Baqqalaan ibsaniiru.

Duula Kanaan daa’imman waggoottan shanan darban sababoota weerara vaayirasii Koronaafi nageenyaan talaallicha osoo hin fudhatiin hafan taalaalchifamuus eeraniiru.

Talaallii farra dhibee Gifiraa dabalataan daa’imman umrii waggaa 5 gadii hanqina sirna nyaataafi dhibee qaban adda baafamuu, Vaayitaamin A fi farri raammoo garaa keessaa kennamuu himaniiru.

Dubartoota wayita da’umsaa qaama hormaataa isaanii miidhaman adda baafamuus kaasaniiru.

Haaluma Kanaan dubartoota wayita da’umsaa qaama hormaataa isaanii miidhaman 497 adda baafamuufi dubartoonni 20 wal’aansa argachuu ibsaniiru.

Duula talaallii kanaan daa’imman dhukkubsatan kumni 16 fi 296 adda baafamuu, kanneen keessaa kumni 15 fi 571 yaalamuu Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.