Fana: At a Speed of Life!

Buusaa Gonofaan namoomaarratti xiyyeeffatee hojjeta -Obbo Mohaammad Jundaa

Finfinnee, Caamsaa 19, 2017 (FMC) – Buusaan Gonofaan Oromiyaa aadaa oromoo keessa ture saayiinsii ammayyaan walsimsee namoomaarratti hojjechuuf xiyyeeffate socho’aa jiraachuun ibsame.

Buusaa Gonofaan aadaa fi duudhaan walgargaarsaa Ummata Oromoo akka dagaaguuf hundeeffamee hojjechaa jiraachuu Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Mohaammad Jundaan Faanaa Diijitaaliif ibsan.

Dhaloota jalaala, hojii, aadaa qusannaa fi quuqama namoomaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Mohaammad eeraniiru.

Waggoottan darban hojiileen hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamaa turuu ibsuun, kanaanis milkaa’inoonni gaariin argamuu kaasaniiru.

Hawaasni balaa uumamaa fi namtolcheef akka hin saaxilamne dursee ittisuu, yeroo balaan mudatu deeggaruu, baraaruu fi deebisanii dandamachiisuun hojjetaa jiras jedhan.

Dhaabbatichi nyaataa barattootaa manneen barnootaatti dhiyeessuun sochii eegale cimsee itti fufuus kaasaniiru.

Haaluma kanaan nyaata barattoota karaa itti fufiinsa qabuun dhiyeessuuf hirmannaa uummataa fi oomishaan of danda’uuf qonni Godinaalee Oromiyaa garaagaraatti eegaluu dubbataniiru.

Manneen barnootaa lafa duwwaa qabanirratti hojii qonnaa gaggeessaa jiraachuu himaniiru.

Nyaata barattootaa manneen barnootaatti dhiyeessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi harcaatii barattootaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.

Buusaa Gonofaan ummataa Oromoof qofa osoo hin taane naannoolee ollaa sababoota garaagaraan deeggarsi barbaachisuuf birmachaa jiraachuus obbo Mohaaammad ibsaniiru.

Akkasumas hawaasni deeggarummaarraa gara oomishtummaatti akka ce’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Miseensi Buusaa Gonofaa Oromiyaa yeroo ammaa miiliyoon 27 qaqqabuus kaasaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.