Shaggaritti hojiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaan bu’aa gaarii argamsiisaa jiru – Waajjiricha
Finfinnee, Caamsaa 19, 2017 (FMC) – Bulchiinsa magaalaa Shaggaritti bara 2017 qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojii gaariin hojjetamuu Waajjirri Barnootaa magaalichaa ibseera.
Bara kana manneen barnootaa bu’uura Boruu 104 ijaaruuf karoorfamee hundi eegalamuu fi 77 ammoo guutummaan guutuutti xumuramuu Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa magaalaa Shaggar obbo Firakiyyaa Kaasahuun Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.
Manneen barnootaa 267 keessatti barattoota kuma 100 fi kuma 51 fi 442’f itti fufiinsaan nyaanni dhiyaachaa jiraachuus eeraniiru.
Manneen Barnootaa mootummaa fi dhuunfaa keessatti hojii Teeknooloojii babal’isuun hojjetameen Mana Kitaabaa Dijitaalaa 96 fi Daree Ismaartii 84 qopheessuun jalqabbii gaariin jiraachuu kaasaniiru.
Ogeeyyiin barnootaa, Barattoonni, hooggansi barnootaa fi barsiisonini kumni 9 fi 240 Leenjii ‘Ethiocoders’ xumuruun sartafikeetii argachuu dubbataniiru.
Fedhii dhiyeessii Kitaabaa guutuuf bifa addaan hojjetamaa turuu obbo Firakiyyaan himaniiru.
Hanqina fi rakkoo kitaabaa hiikuuf Biiroo Barnootaa Oromiyaa fi Ministeera barnootaa waliin hojiin bal’aan hojjatamaa turuus ibsaniiru.
Hojiileen bulchiinsi magaalichaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetaa jiru kunneen bu’aa gaarii argamsiisaa jiru jedhan.
Barattoota Qormaatawwan sadarkaa biyyaalessaa fi naannoof qopheessuuf qabiyyeen barnootaa karaa guutuu ta’een barsiisuu dabalatee bifa adda addaan hojjetamaa ture jedhan.
Cabiinsa barnootaa ture fayyisuuf barsiisoonni, maatiin barattootaa fi hooggansa manneen barnootaa qindoominaan hojjetaa akka jiran kaasaniiru.
Waliigalaan bara kana barattoota kuma 45 fi100 qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa qorsiisuuf qophii gahaan taasiifamuu dubbataniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia