Fana: At a Speed of Life!

Hanqina iddoo hojii waldaalee IMX furuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame 

Finfinnee, Caamsaa 19, 2017(FMC) – Hanqina iddoo oomishaa fi gurgurtaa waldaalee IMX furuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Mootummaan hoji-dhabdummaa xiqqeessuuf qaamolee hawaasaa adda addaa inniisheetiiviwwan misoomaan gurmaa’anii akka hojii uummataniif hojjetaa jira.
Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa kooyyee Facceettis dargaggoonnii fi dubartoonni gurmaa’anii  hojiiwwan akaakuu adda addaan hojjetaa jiraachuun himameera.
Waldaalee kanneen keessaa tokko tokko erga gurmaa’anii yoo turanis bakka gurgurtaa waan hin argatiniif akkaataa yaadameen hojiitti seenuu akka hin dandeenye Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.
Waldaaleen iddoon hojii kennameef keessas waldaaleen daldala kuduraa fi Mudiraa irratti gurmaa’an 6, bakka carraan arganneetti waliigalteen akka nuuf kennamuuf yoo gaafannes hanga har’aatti waliigaltee fudhachuu hindandeenyeen komatan.
Waldaaleen kunniin warreen hojii daldala kuduraa fi muduraa irratti gurmaa’anii dha.
Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee obbo Darajjee Waaqgaarii dhimma kana ilaalchisuun deebii kennaniin  hanqina bakka hojii waldaalee IMX furuuf bakka wiirtuun qindaa’aan itti ijaaramu adda baasuun akka mirkanaa’uuf waajjira lafaa Magaalaa Shaggaritti erginee eegaa jirra jedhan.
Hanaga sun mirkanaa’ee dhufuttis bakka muraasa jiru carraadhaan waldaaleef dabarsuun itti hojjechaa akka iran himan.
Waliigalteen walqabatees magaalaa Shaggarirraa qajeelfamni haaraan gatii kiraa iddoowwan hojiirratti gadi bu’e humnaa ol ta’a jedhanii waldaaleen waan mormaniif gara magaalaa Shaggaritti ol deebisnee deebii eeggachaa turre jedhan.
Amma garuu aanaaleen akka haala qabatamaa isaaniitti akka murteeffatan qajeelfamni waan gadi bu’eef hanga sanatti akkaataa qajeelfama duraniin waliigaltee xumurachuu akka danda’an ibsan.
Akka magaalaa Shaggarittis rakkoo iddoo hojiin walqabtee dhiyaatu furuuf hojjetamaa akka jiru Itti gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa magaalchaa Obbo Wandasan Taammiree himaniiru.
Waldaalee yeroo isaanii xumuran irraa sheedota fuudhuun warren biroof dabarsuu fi giddugala gabaa qindaa’aa haaraa ijaaruun tarkaanfilee gama kanaan fudhatamaa iran keessaaa akka ta’e dubbataniiru.
Waldaalee kanneen iddoo isaaniif kennamerratti waliigaltee keessa galchuufis akkaataa haala qabatamaa aanaalee fi  akaakuu hojiitiin akka furamuuf kallattiin kaa’amuu Faanaa Dijiitaalitti himaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.