Hariiroo seena qabeessa caalmaatti cimsuuf Dooktar Abiy Ahimadiif simannaa Roomitti taasifame
Finfinnee, Caamsaa 19, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee Xaaliyaanii Jiyoorjiyaa Meelooniin hariiroo seenaa qabeessa biyyi isaanii Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif Roomitti simannaa kabajaa taasisaniiru.
Hoggantoonni lameen raawwii tumsa waloo gamaaggamuun, hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf carraalee invastimantii fi tumsa diinagdee haaraa uumuurratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii hariiroo waloo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf hoggantoota biyyattii garaagaraa waliin hojjetaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad, Ministirri Muummee Xaaliyaanii Jiyoorjiyaa Meelooniin Onkololeessaa, 2015 akkuma aangootti dhufaniin gara Room imaluun hariiroo fi nageenya naannawaa, akkasumas misoomarratti tumsa Xaaliyaaniin Itiyoophiyaaf kennitu ilaalchisee mari’atanii turan.
Tumsa waloo kana caalmaatti guddisuuf Jiyoorjiyaa Meelooniinis bara 2016 Itiyoophiyaa daawwatanii turan.
Mariiwwan waloo Xaaliyaanii dabalatee waltajjiiwwan biyyoota birootti gaggeeffamanirrattis mari’atamaniiru.
Xaaliyaaniin biyya michuu misoomaa Itiyoophiyaati.
Hariiroo cimaa baroota ce’ee har’a gaheedha.
Dameewwan Indaastirii, fayyaa, qonnaa fi eegumsa hambaaleen baroota dheeraaf Itiyoophiyaa waliin hojjechaa jirti.
Biyyoonni lamaan tumsa biyyoota michummaa baroota dheeraa irratti hundaa’e dameewwan garaagaraan qaban daran cimsuuf murannoo waloo cimaa irra deebiin mirkaneessaniiru.