Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallagga Bahaatti pirojektonni 369 baajeta birrii biliyoona 16 oliin hojjetamaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 19, 2017(FMC) – Godina Wallagga Bahaatti bara kana pirojeektonni rakkoolee hawaasaa furuu irratti xiyyeeffatan 369 baajeta birrii biliyoona 16 oliin hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Bulchaa itti aanaan Bulchiinsa Godina Wallaggaa Bahaa obbo Dassuu Lammii Faanaa Dijiitaalitti akka ibsanitti, hanqinni bu’uuraalee misoomaa rakkoolee bulchiinsa gaarii hawaasni kaasuuf madda ture.

Godinichatti gaaffii hawaasaa barootaaf ture kana deebisuudhaaf xiyyeeffannaa mootummaan jijjiiramaa kenneen hojjiwwaan gurguddoon hojjetamaa turanirraa hawaasni fayyadamaa dhufeera.

Bara kanas piroojektootni rakkoolee hawaasaa godinichaa furuu irratti xiyyeeffatan buleeyyiin 213 fi fi haaraan 156 baajeta mootummaa, hirmaannaa uummataa fi tumsa dhaabbilee adda addaan waliigalatti birrii biliyoona 16 oliitti shallagamuun hojjetamaa jiru.

Kanneen keessaa pirojeektonni 140’n xumuramuun tajaajilaaf qophaa’aniiru.

Bu’uuraaleen misoomaa kunniin aanaalee 17 fi bulchiinsa magaalaa tokko keessatti kan hojjetaman ta’uunis ibsameera.
Manneen barnootaa bu’uuraa boruu fi bultii addaa, gamoowwan waajjiralee, pirojeektoti bishaanii, keellaawwan fayyaa, riqaaleen, daandiiwwan fi gidduu galli cuucii fa’a pirojeektota ijaaramaa jiran keessaa isaan muraasa dha jedhameera.

Hojii pirojeektota kanneeniin namoota kuma 36 fi 349f carraan hojii akka uumames eeraniiru.

Pirojeektonni kunniin guutumaan guutuutti yeroo xumuraman namoota miliyoon 1 fi kuma 600 oliif tajaajila akka kennan ibsaniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.