Ergaa Ministira Muummee Itti Aanaa obbo Tamasgeen Xirunaa
Finfinnee, Caamsaa 27, 2017 (FMC) – Goondar deebitee ka’aa jirti jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI obbo Tamasgeen Xirunaan.
Obbo Tamasgeen Xirunaan turtii Goondaritti taasisaniin Indaastiriiwwan oomishaa imala jijjiiramaa agarsisaan, haaromsa Masaraa Faasiladasii fi hojii misooma koriidarii boqonnaa 2ffaa daawwataniiru.
Goondar imala guddinaa dinqiisarratti argamti jedhan.
Hojiin misooma koriidarii fi haaromsi masaraa Faasiladas marsaan jalqabaa milkiin xumuramuu eeran.
Hojiilee gaggaarii cimsuun fi kan saffisaan hojjetamuu qaban ammoo saffisaan akka raawwataman kallattii keenyerra jedhan.
Hojiin eegumsa hambaa fi hojiin misooma koriidarii hojjetaman dhaloota kan boonsan ta’uu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia