Magaalichi qondaaltoota kabachiisa dambii kuma 2 ol eebbisiisaa jira
Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii qondaaltoota kabachiisa dambii kuma 2 ol marsaa 6ffaaf eebbisiisaa jira.
Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa biroon saganticharratti argamaniiru.
Eebbifamntoonni kunneen Abbaan Taayitichaa fi Yuunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaa waloon leenjisaa kan turaniidha.
Saayinsii loltummaa fi yaada bu’uuraa, akkasumas dhimmoota biroorratti baatii lamaaf leenjii hordofaa kan turan ta’uutu himame.
Eebbifamtoonni kunneen kana dura sadarkaa Barnootaa digirii jalqabaa fi isaa oliin kan qaban yoo ta’u, waliigalaan kuma 2 fi 74 ta’u jedhame.
Qaama kabachiisa dambii guddina magaalichaa madaalu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu saganticharratti ibsameera.
Masaafinti Birilleetu gabaase.