Kitaabni “Abc Turizimii Oromiyaa” fi “Abc Turizimii Itiyoophiyaa” eebbifame
Finfinnee, Waxabajjii 1, 2017 (FMC) – Kitaabni “Abc Turizimii Oromiyaa” fi “Abc Turizimii Itiyoophiyaa” jedhamuun afaanota sadiin barreefame eebbifame.
Kitaaba Afaan Oromoo, Amaaraa fi Ingiliziin qophaa’e kana Itti Aanaa Koomishinara Koomishinii Tuurizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajootu barreesse.
Kitaabni kun dhaloonni bakka hawwata tuurizimii fi aadaa fi dudhaa ummataa haala salphaan hubachuuf kan gargaaruudha jedhameera.
Sirna eebbaa kitaaba kanaa irrattis Ministirri Tuurizimii Salaamaawwiit Kaasaa, Koomishinara Koomiishinii Tuurizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa fi keessummoonni garagaraa argamaniiru.
Feenaan Nuguseetu gabaase