Fana: At a Speed of Life!

Hojiin misooma koriidarii Gaaraajii Anbassaa – Jaakroos – Addabaabaayii Gooroo naannoo dhiphinni yaa’iinsaa cimaan itti mul’achaa ture jijjiireera – Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2017(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad misoomni koriidarii Gaaraajii Anbassaa – Jaakroos – Addabaabaayii Gooroo naannoo dhiphinni yaa’iinsaa cimaan ture jijjiireera jedhan.

Ministirri Muummeen fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin akka ibsanitti, hojiiwwan koriidarii magaalaa fi baadiyyaa haala jireenyaa dhala namaa kabajamaa kan beeksisee fi itti fayyadama naannoo uummataa haqa qabeessa uumuudhaanis sadarkaa hawaasaa kan guddisee dha jedhan.

Keessumaa hojiiwwan misooma koriidarii baadiyyaa dhiyeenya eegalee naannoo jireenyaa baadiyyaa irradeebiin haaressuun sadarkaa jireenyaa jiraattotaa fooyyessuu irratti kan xiyyeeffatanii dha jedhan.

Misoomni koriidarii kun gara qarqara magaalotaatti akka ba’uuf qabeenya walitti qabuun kan raawwatan hoggantoota magaalaa Finfinnee fi kutaalee magaalichaa guddisee galateeffachuun barbaadas jechuun ergaa dabarsaniiru.

Kutaaleen magaalichaa biroo fi magaalonni biyyattiis jireenya magaalaa gara sadarkaa fooyya’aa irraan ga’uuf sammuu fi yaadama haaraan hojjachuuf yeroo itti kaane kanatti hojjiiwwan lammiilee irratti xiyyeeffataniif dursa kennanii hojjechuu isaanii cimsanii akka itti fufan waamichan dhiyeessa jechuun ergaa dabarsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.