Fana: At a Speed of Life!

Pirojeektonni magaalota Baahir Daar fi Gondaritti ijaaraman dhaloonni ittigaafatama isaa ba’achaa jiraachuuf agarsiistuu dha- Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2017 (FMC) – Hojiilee misoomaa Goondarii fi Baahir Daarittii hojjetamaa jiran dhaloonni ammaa itti gaafatama isaa ba’achaa jiraachuu agarsiisa jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Pireezidaant Taayyee Atsiqasillaasee, Ministirri Muummee Itti aanaan Tamasgeen Xurunaa, pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa fi gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daani’eel Kibirat hojiilee misoomaa kanneen daawwataniiru.

Pireezidaanti Taayyeen wayita kana akka ibsanitti, hojiileen misoomaa kunniin Gondaritti nagaa fi misoomni mirkanaa’aa jiraachuu argisiisu.

Hojiiwwan misoomaa kunniin dhaloonni ammaa ittigaafatama isaa ba’achaa jiraachuu argisiisas jedhan.

Magaalaa Baahir Daarittis misoomni koriidarii misoomaa jiru magaalattii gara boqonnaa haaraatti akka ceesisu kaasaniiru.

Naannoo Amaaraatti nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaaffiin jiru cimee akka ittifufuuf hojjechuu barbaachisaas cimsanii hubachiisaniiru.

Layikun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.