Aartiin bu’uura qaroominaati – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2017 (FMC) – Guddinnii fi Qaroominni aartiin ala hin yaadamu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka buutoota ogaartii guutuu biyyattiirraa walitti babba’an waliin mari’ataniiru.
Mootummaan Aartiin badhaadhinaa biyya tokkoof bu’uura ta’uu ni amana jedhan.
Seenessa waloo bu’uureessuun dhaloota boruu ijaaruu keessatti gaheen aartii olaanaadha akka ta’e kaasan.
Aartiin boo’ichaa fi naanummaa keessaa bahuun hojii miira kakaasuu, hubachiisuu fi barsiisuu irratti xiyyeeffachuu akka qabu dubbatan.
Aartiin hawaasa keessatti miira xiiqii, abdii fi mul’ata horachuu barsiisuu akka qabu yaadachiisan.
Tokkummaa, jaajala biyyaa fi dhaloota mul’ata qabu horachuu keessatti gahee isaa bahuu qaba jechuun ibsan.
Mootummaan Indaastirii aartii guddisuuf deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa jedhan.
Aartiin aadaa, duudhaa, safuu fi barsiifata gaarii babal’isuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaa sirnaan bahuu akka qabu hubachiisan.
Ogeeyyiin aartii hojiilee walitti bu’iinsaa fi seenessa qeenxee leellisan keessaa bahuun dhimmoota sabdaneessummaa fi badhaadhina biyyaa dhugoomsanirratti xiyyeeffachuu qabu jedhan.
Indaastiriin Aartii imaammataan deeggaramuu akka qabus dubbataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad, Artistoonni hojiilee guddina diinagdee fi hawaasummaa hojjetamaa jiran akka tumsan gaafataniiru.
Siifan Magarsaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.