Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyiin aartii yeroo rakkootti bu’aa biyyaalessaa dursuu qabu- Minstira Muummee Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajii 9፣ 2017 (FMC) – Yeroo rakkootti bu’aa dhuunfaa caalaa ogeeyyiin aartii bu’aa biyyaalessaaf hirmaatan maqaan isaanii ashaaraa warqeen barreeffamee jiraata jedhan Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Miniistirichi ogeeyyii ogaartii guutuu biyyaa irraa bakka bu’an waliin maree mari’atan irratti, ogeyyiin ogaartii haala kam keessattuu kabajama faayidaa biyyaalessaaf kutannoo qabaachuu qabu jedhaniiru.

Ogeeyyiin kunniin hojiilee misoomaa hojjetaman irratti muuziqaa, fiilmii, konsartii fi taateewwan aartii hawaasatti argisiisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan guddina dinagdee saffisaa keessa akka jirtu kaasanii, guddina dinagdee kana ogeeyyiin ogaartii qophaa’ummaa dinagdee irratti agarsiisuu akka qabanis hubachiisaniiru .

Warra yeroo rakkinaatti biyya isaanii gananifis dhiifama goochuu ibsan.

Ogaartiin guddinaa fi badhaadhina waloo biiyyaa keessatti ga’ee guddaa qabaachuus dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.