Fana: At a Speed of Life!

Galii hafe duguuganii sassaabuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC)- Bara baajataa 2017’tti galii osoo hin sassaabamiin hafe karaa haqa qabeessaa  ta’een sassaabuuf qaamoleen qooda fudhattootaa qindoominaan hojjechuu akka qaban Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hubachiisan.

Magaalichatti gamaaggamni galii duguuganii sassaabuufi rakkoolee sassaabbii galiirratti ka’an maqsuurratti xiyyeeffate gaggeeffamuu Waajjirri Kantiibaa magaalichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

Galii duguuganii sassaabuun ajandaalee guyyoota 90 keessaa tokko yoo ta’u, Aadde Adaanech Abeebeen waltajjicharratti kallattiiwwan xiyyeeffannoo kaa’aniiru.

Gahumsi galii sassaabuufi misoomaaf oolchuu cimaa dhufuun jijjiiramoota hawaasummaafi diinagdee magaalichatti galmaa’aa jiraniif bu’uura ta’uus waltajjicharratti ka’eera.

Bara baajataa 2017’tti galii osoo hin sassaabamiin hafe karaa haqa qabeessaa  ta’een sassaabuun bara baajataa itti aanuuf bu’uura ta’uu kan ibsan Aadde Adaanech, kana milkeessuuf qaamoleen qooda fudhattootaa qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Bara baajataa 2018’tti sirna sassaabbii gibiraa mijataa diriirsuu, kaffalaa gibiraa jajjabeessuufi hojjetaa daddammaqsuurratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.