Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii jalqabaa gara Hayidiraabaadiitti taasise
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii jalqabaa Finfinnee gara Hindi Hayidiraabaadiitti taasise.
Daandichi torbeen guyyaa sadi balallii Finfinnee gara Hayidiraabaadiitti taasisu kaleessa ifatti eegaleera.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa imaltoota fe’ee wayita Buufata Xiyyaaraa Hayidiraabaad gahu hoggantoota olaanoo magaalichaan simannaan taasifameera.
Hayidiraabaadi Hinditti bakka ga’umsa 6ffaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa yoo taatu, yeroo ammaa torbeen balalliiwwan imaltootaa fi Kaargoo 50 gara Hinditti taasisa jira.
Taarikuu Laggaseetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.