Fana: At a Speed of Life!

Giddugala gabaa meeshaaleen biraandii idil addunyaa qaban itti gurguraman Piyaassatti

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2017 (FMC) –Itiyoophiyaatti isa jalqabaa kan ta’e Ijaarsa Giddugala gabaa meeshaaleen biraandii idil addunyaa qaban itti gurguraman xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Kaantibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Piyaassaa deebisanii ijaaruun hojjetamaa kan jiru haala ijaarsa giddugala Gabaa meeshaalee Biraandii Idil Addunyaa Araadaa daawwataniiru.

Finfinneen miidhagina, qulqullinaa fi kallattii hedduun jijjiiramaa jirti jedhan.

Finfinneen carraa qabdu gara Diinagdeetti jijjiiruuf tattaaffii cimaa taasisaa akka jirtu dubbatan.

Yeroo ammaas Finfinneen Teessoo Afrikaa ta’uu ishee mirkaneessuu kan danda’an Piroojektoonni garaagaraa ijaaramaa jiraachuu kaasan.

Piyaassaatti ijaaramaa kan jiru Mooliin Araadaa wayita xumurame meeshaalee biraandii idil addunyaa qaban bituuf imala gara Dubaayii fi biyyoota birootti taasifamu hambisa jedhan.

Giddugalli gabaa kun lafa hektaara 2 kan uwwisu yoo ta’u, gosoota gurgurtaa hundatu keessatti raawwatama jechuun eeran.

Giddugalicha qulqullinaa fi saffisaan xumuruuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.