Yaaliin fedhii aangoo humnaan raawwachiifachuuf geggeeffamu gatii hin malle nukaffalchiisaa jira – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2017 (FMC) – Yaaliin fedhii aangoo humnaan raawwachiifachuuf geggeeffamuu biyyattii gatii hin malle kaffalchiisaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministrichi bakkaa bu’oota paartilee siyaasaa waliin maree geggeessaniin akka ibsanitti maddi rakkoo nageenyaa Itiyoophiyaa yaada booda tti hafaa fedhii ofii humnaan raawwachiifachuuf ti.
Yaada dogoggoraa biyya gatii hintaane kaffalchiisaa jiru kana dhaabuuf waloon hojjechuu akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Qaamni yaada addaa qabu waraana seenuu irra karaa nagaan mareedhaan yaada isaa dhiyeeffachuu danda’aas kaasan.
Aadaa Itiyoophiyaa keessatti yaadamoonni lama jiraachuu kan eeran Dooktar Abiy, humnoota alaaf baandaa ta’uun teessoon isaa utuu hinjabaatin haa huunu kan jedhu tokko ta’uu dubbatan.
kanaanis fedhii biyyaalessaa fi nageenya Itiyoopjiyaa eegsisuu caalaa biyya biraaf kan dhaabatanii fi kan qacaraman akka jiran hubachiisaniiru.
Daldalli siyaasaa mirga uummtaa da’eeffachuun kilaashiin uummata saamuun ammoo isa kan biraa ta’uu himaniiru.
Ummatummaa fi maqaa uummataan daldaluun yoo walmaku qabeenya mancaasuu fi nama ukkaamsuun, xaa’oon qonnaan bulaa bira akka hingeenye daandii cufuu akka qabsootti fudhachuutu dhufas jedhan.
Namoota akkanaa of keessaa sakattaanee karaa nagaa qofa filchuutu nubaasa kan jedhan Ministirri Muummeen paartileen morkarrootaas qaamolee akkanaa of keessaa saaxiluu akka qaban hubachiisaniiru.
Nageenyi ittifufiinsaan akka mirkanaa’uuf qaamni hunduu tumsaan hojjechuuf qophaa’uu akka qabus cimsanii dubbataniiru.
Yonaas Geetinnatiin
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii:
www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara: https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.https://www.fanamc.com/afaanoromoo/wp-login.php?loggedout=true