Itiyoophiyaan Fooramii Carraa Hojii Uumuu Afrikaa keessummeessiti
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Fooramiin damee diinagdee qonnaa irratti xiyyeeffate Fooramiin Carraa Hojii Uumuu Afrikaa 3ffaan Finfinneetti gaggeeffama.
Fooramichi Waxabajjii 30- Adoolessa 2, 2017tti Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka gaggeeffamu Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamil ibsaniiru.
Akka Aadde Muufariyaat jedhanitti, fooramicharratti ministiroota biyyoota garaagaraa, abbootii qabeenyaa, qorattootaafi hojii uumtota dabalatee qooda fudhattoonni kumni 1fi 500 ol ni hirmaatu.
Fooramichi waggoottan lamaan darbanitti haala qabeenya guddaa ardichaa gara dandeettii qabatamaatti jijjiiruu danda’uun gaggeeffamuu yaadachiisaniiru.
Haaluma Kanaan dargaggoota ardichaa miiliyoonatti lakkaa’amaniif carraan hojii waaraan uumameera jedhan.
Fooramiin bara kanaas damee diinagdee qonnaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu hubachiisaniiru.
Wandimmuu Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.