Sassaabbiifi itti fayyadamni maallaqaa paartilee siyaasaa seeraafi danbiin hogganamuu qaba- Mahaammuud Alii Yusuuf
Finfinnee, Onkoloolessa 27, 2019(FMC)- Sassaabbiifi itti fayyadamni maallaqaa paartilee siyaasaa seeraafi danbiin hogganamuu qaba jedhan Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammuud Alii Yusuuf.
Yaa’ii 2ffaan Paartilee Siyaasaa Afrikaa mata duree “Guddinaaf Hogganuu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Mahaammuud Alii Yusuuf wayita kana, Afrikaatti bulchiinsa diimookiraasii, ijaarsa nagaafi misoomaa akkasumas sirna siyaasaa hammataa cimsuuf Gamtichi kutannoon ni hojjeta jedhan.
Paartileen siyaasaa aangoo argachuurra darbee imaammatawwan hawaasummaafi diinagdee uummata fayyadan bocuufi faayidaa biyyaalessaa irratti ergama bal’aa hubannoo uummataa guddisuu akka qaban ibsaniiru.
Dabalataanis paartileen siyaasaa morkattootaa hojiilee mootummaa hordofuun fi to’achuun qajeeltoo diimookiraasii ta’uu kaasaniiru.
Mootummoonni sirna heera mootummaa eeguu, filannoowwan bilisaafi amanamaa gaggeessuu akkasumas bilisummaa bu’uuraa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa qabaachuu eeraniiru.
Dhimmoota kanneen irratti qaamolee siyaasaa gidduutti waldhabdeen wayita uumamu mariin furmaata barbaaduun aadeffatamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan yaa’icha qopheessuu isheef galateeffachuun, hoggansa, hojiilee jijjiiramaafi mul’ata Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad dinqisifataniiru.
Masaafint Birilleetu gabaase.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa