Fana: At a Speed of Life!

Noorgaardiin Asrenaaliif mallatteesse

Finfinnee, Adoolessa 3, 2017 (FMC) – Arsenaal taphataa sarara ittisaa gidduu fi dursaa garee Bireentifoordi Kiristiyaan Noorgaardiniin mallatteessifachuu ifoomse.

Lammiin Deenmaarki Kiristiyaan Noorgaardiniin Paawundii miiliyoona 10 fi ilaallamee kan dabalamu Paawundii miiliyoona 5niin Arsenaalitti makameera.

Arsenaal jijjiirraa taphattootaa bara kanaan Kiristiyaan Noorgaardiin nama 3ffaa kan mallatteessifate yoo ta’u, Maartiin Zuubiimeendiin Riyaal Sooseedaarraa fi Keeppaa Aariizibaalaagaa ammoo Cheelsirraa fudhachuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.