Fana: At a Speed of Life!

Gatiin Beenzilaa, Naafxaa Adii fi Kiroosinii haaluma dura tureen itti fufa

Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC) – Baatii Hagayyaa keessaa Gatiin gurgurtaa qinxaaboo Beenzilaa, Naafxaa Adii fi Kiroosinii haaluma dura tureen itti fufa jedhe Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa.

Har’a galgala sa’aatii 12:00 eegalee Baatii Hagayyaa hojiirra kan oolu gatiin gurgurtaa Qinxaaboo Boba’aa ifoomeera.

Haaluma kanaan gatiin Beenzilaa, Naafxaa Adii, Kiroosinii fi boba’aan Xiyyaaraa haaluma dura tureen itti fufa jedhe Ministeerichi.

Naafxaa gurraachi salphaan leetirri Birrii 127.22 fi Gurraachi ulfaataan Birrii 124.55nitti akka gurguramu murtaa’uu Ministeerichatti Daayrekterri Dhimmoota Kominikeeshnii Wandimmuu Falaateen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Buufataalee fi dhaabbileen boba’aa qajeelfama kana sirnaan hojiirra akka hubachiisaniiru.

Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.i

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.