Itiyoophiyaan damee Bunaan jijjiirama bu’uuraa galmeessite – Dooktar Girmaa Amantee
Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan damee Bunaan jijjiirama bu’uuraa galmeessite jedhan Ministirri Ministeerri Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen.
Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii cinaatti waltajjiin guddinaa fi jijjiirama Bunaarratti xiyyeeffate Abbaan Taayitaan Bunaa fi Shaayii qaamolee biroo waliin tumsaan qopheesse gaggeeffamaa jira.
Wayituma kana Dooktar Girmaan Itiyoophiyaan waggoottan kurnan darban tarsiimoon Bunaa hojiirra oolchuu himuun, damichaan jijjiiramni bu’uuraa galmaa’uu eeran.
Keessattuu waggoottan shanan darban tarsiimichi guddinaa fi jijjiirama bu’uuraa galmeessuu dubbatan.
Bara kana Buna alatti ergameerra galiin Doolaarri biiliyoonni 2.6 argamuu himan.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa bu’aa qabeessummaa bunaaf gumaacha olaanaa taasisuu ibsa.
Sammahaanyi Nigaatutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.