Tapha xumuraa Koomuniitii Shiildiin Liivarpuuliifi Kiristaal Paalaas wal morkatu
Finfinne, Hagayya 4, 2017 (FMC) – Tapha xumuraa Koomuniitii Shiildiin taphni Liivarpuuliifi Kiristaal Paalaas ni eegama.
Kilaboonni lameen waancaa Komuniitii Shiildiif galgala sa’aatii 11:00 irratti istaadiyeemii Weembileey irratti wal morkatu.
Maanchistar Siitii injifachuun yeroo jalqabaaf waancaa ‘FA’ kan injifate Kiristaal Paalaas waancaa Koomuniitii Shiild yeroo jalqabaaf irratti hirmaatu kanaanis seenaa hojjechuuf gara dirree seena.
Kanaan dura waancaa Koomuniitii Shiild yeroo 16 kan injifate Liivarpuul yeroo 17’f injifachuuf Kiristaal Paalaas waliin ni morkata.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.