Fana: At a Speed of Life!

Ispoortiin ijaarsa maqaa biyyaa keessatti gumaacha olaanaa qaba

Finfinne, Hagayya 6, 2017 (FMC) – Sagantaan beekamtii kennuu kilaba kubbaa miilaa magaalaa Shaggar gaggeeffameera.

Kilabni magaalaa shaggar hundeeffamee waggoota muraasa keessatti koorniyaa lamaaninuu gara Pirimeer liigiitti ol guddachuun isaanii kan yaadatamuudha.

Bulchiinsi magaalaa Shaggar kilaba kubbaa miilaa dhiiraafi dubartootaa magaalichaaf Sirna beekamtiifi badhaasaa kenneera.

Itti Gaafatamaan Waajjira dargaggoofi Ispoortii magaalaa Shaggar Obbo Naasir Huseen Kilabiin kubbaa miillaa magaalaa Shaggar hundeeffamee waggaa muraasa keessatti gara Piriimeer liigiitti guddachuun galmoota magaalaan Shaggar qabattee hundoofte milkeessuuf imala sirriirra tahuu himaniiru.
Ammas kilabootni kunniin ciminaan akka itti fufaniif kan hojjatan tahuu ibsaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan, mul’atni magaalichaa kilaba dhiibbaa uumu qofa osoo hin taane kan injifannoo itti fufiinsa qabu galmeessuu danda’u hundeessuu fi jajjabeessuudha jedhan.

Ispoortessitoota ol guddattoota biyya bakka bu’an baay’inaa fi qulqullinaan horachuuf guddaattootarraattis xiyyeeffannoon akka hojjatamu ibsan.

Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miillaa Itiyoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraan saganticharratti haasaa taasisaniin, Ispoortiin sabootaafi sablammoota gidduutti walooma, miira jaalalaa fi tokkummaa uumuun ijaarsa maqaa biyyaa keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu hubachiisaniiru.
Taphattootaafi Miseensoota kilaba bulchiinsa magaalichaaf waliigalaan badhaasni Birrii miliyoona 36 kennameera.

Dajanuu Gonfaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.