Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf tokkummaafi dandeettii diinagdee cimsuun barbaachisaadha- Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Hagayya 19, 2017 (FMC) – Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf tokkummaa keessoofi dandeettii diinagdee cimsuun barbaachisaadha jedhan Hogganaan Hariiroo Uummataafi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Hundeeffama waggaa 30ffaa Korporeeshinii Miidiyaa Amaaraa sababeeffachuun korri qorannoo mata duree “ Miidiyaalee Faayidaa Biyyaalessaafi Nageenyaaf” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Biqilaan waltajjicharratti waraqaa qorannoo mata duree “ Miidiyaa Faayidaa Biyyaalessaaf “ jedhuun dhiyeessaniin, Itiyoophiyaanonni hundi faayidaa biyyaalessaa biyyattii karaa hundaan kabachiisuuf hirmaachuu qabu jedhan.
Sochii faayidaa biyyaalessaa biyyattii miidhu kamiyyuu olaantummaa yaadaan fachaleessuun akka barbaachisus kaasaniiru.
Kanaaf ammoo tokkummaa keessoofi nageenya eegsisuun, dandeettii diinagdee cimsuu fi dandeettii diimookiraasii ijaaruuf hundi hirmaachuu akka qabu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Mootummaan badhaadhina Itiyoophiyaa gama maraan mirkaneessuuf damee hundaan hojjechaa akka jiru kaasanii, miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuurratti ajandaa uumuun hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.